Paarlaamantiin Nezerland Baqattootaa irratti Seerota Haaraa Cimoo Raggaasiseera: Murtiin Senate Harka Jira!

Mana Maree Bakka Bu’ootaa Niiderlaandi seerota lama haaraa baqattootaa irratti hojiirra oolan raggaasiseera. Seerotni kun Seera Tartiiba Hatattamaa Baqattootaa fi Seera Sirna Haala Lama(Dutch Dual Status Act) jedhama. Seerotni kunneen amma gara Senate dhihaataniiru. Yoo Senate’n isaaniif eeyyame, seerotni kunneen gara fuulduraatti baqattootaa fi namoota hayyama jireenyaa qaban irratti dhiibbaa guddaa qabaatu.

Seerotni kunneen mootummaa duraanii(PVV) kan kufeetiin qophaa’ani. Kaayyoon isaanii akka mootummaa jedhutti baqattoonni gara Niiderlaandi dhufan akka hir’atan gochuu fi yeroo namoonni biyyattii keessa turan akka gabaabbatu gochuudha. Mana Maree Bakka Bu’ootaa keessatti sagaleen irratti kennamee seerotni kun raggaasaniiru, akkasumas wantoota seera kana caalaatti cimsan hedduun itti dabalamaniiru.

Yoo Senate’n Seera Tartiiba Hatattamaa Baqattootaa raggaasise, hayyamni baqattootaa waggaa shan osoo hin taane waggaa sadi qofaaf kennamu ta’a. Erga waggaa sadii booda hayyamni haaromfama. Yeroo hunda qorannoon haaraan hin taasifamu; yoo sababni addaa hin jirre, IND’n hayyama kee ni haaromsa. Namoonni amma hayyama waggaa shan qaban, hanga hayyamni isaanii xumuramutti jijjiiramni hin jiru. Yeroo dhuma hayyama sanaa booda, hayyamni waggaa sadi kennamee itti fufa.

Seerri kun yoo ragga’e, hayyamni jireenyaa dhaabbataa hin kennamu. Kana jechuun, baqattoonni hedduun lammummaa Niiderlaandi argachuu hin danda’an. Garuu namoota biyya hin qabne (stateless) irratti seerri kun hin hojjatu; isaan akka duraatti waggaa sadii booda lammummaa gaafachuu ni danda’u.

Walitti dhufeenyi maatii(family reunification) ni cima. Ijoolleen waggaa 18 gadi qofa gara Niiderlaandi dhufuu danda’u. Michoonni hin heerumne fi ijoolleen waggaa 18 ol hayyamni baqattootaa hin kennamu. Yeroon ce’umsaa hin kennamne; kanaaf seerri kun iyyata duraan dhiyaaterattis hojiirra ooluu danda’a. Garuu maatii duraan Niiderlaandi keessa jiran irratti seerri kun hojiirra hin oolu.

Iyyata baqattumma yeroo lammaffaa dhiyeessuun baay’ee ulfaata ta’a. IND’n kan si gaafatu ta’a: “Maaliif odeeffannoo kana yeroo jalqabaatti hin kennine ykn hin himatin?” Yoo odeeffannoon duraan kennamuu danda’a ture ta’e, iyyanni hin fudhatamu.

Namoonni hayyama malee Niiderlaandi keessa jiraatan hidhamuu danda’u, akkasumas adabbii hanga ji’a jaha(6) mana hidhaa irratti murtaa’u ni mala. Namoota seeraan ala jiran gargaaruunis yakka ta’uu danda’a. Akkasumas, IND’n yeroo ammaa kana iyyata baqattootaa diduuf(reject) gochuu yaada qabaachuu isaa akka dura siif hin ibsu. Kanaaf murtii diddaa(reject) dura yaada ofii kennuun hin danda’amu.

Seerri Sirna Haala Lama immoo namoota eeyyamame gidduutti garaagarummaa qaba.

  • Namoonni A-status qaban kanneen sodaa dhuunfaa irraa baqatanidha, fakkeenyaaf amantii, sanyii yookaan saala(sexual orientation).
  • Namoonni B-status qaban immoo waraanaa yookaan balaa guddaa irraa baqatanidha. Amma lamaan isaanii mirga wal-fakkaataa qabu. Yoo seerri haaraan ragga’e garuu, namoonni B-status qaban mirga xiqqaa qabaatu. Yeroo haalli biyya isaanii fooyya’e, gara biyyaa deebi’uun dirqama ta’uu danda’a.

Walitti dhufeenyi maatii(family reunification) namoota hundaaf ni rakkisa. Ijoolleen ga’eessotaa, ijoolleen kunuunsaa fi michoonni wal hin fuudhin gara Niiderlaandi dhufuu hin danda’an. Namoota B-status qabaniif immoo seerri caalaatti cimaa dha. Yoo amma iyyata walitti dhufeenya maatii(family reunification) dhiyeessaa jirta ta’e, seerri haaraan yoo ragga’e si irratti hojiirra ooluu danda’a.

Amma ammaatti seerotni kunneen duubatti hojiirra oolu moo iyyata haaraa qofa ilaalu kan jedhu hin beekamu. Kana jechuun, seerotni kunneen iyyata duraan dhiyaate fi hayyamoota duraan kennaman irrattis hojiirra ooluu danda’afi hin danda’uu hin mirkanoofne. Mootummaan seera kana sadarkaan hojiirra oolchuu akka danda’u ibseera, garuu akkamitti akka ta’u ifa hin baane.

Barruun kun odeeffannoo waliigalaa qofa kenna. Haalli namni tokko keessa jiru addaa ta’uu danda’a. Yoo seerotni kunneen ragga’anii hojiirra oolan, jireenya baqattootaa hedduu irratti dhiibbaa qabaatu. Kanaaf odeeffannoo haaraa fi gorsa seeraa yeroo hunda barbaaduun barbaachisaa dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *